• Thu. Nov 26th, 2026

Warraaqsi Oromoo bararuuf godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo keessatti jiraattoota, barattootaa fi hojjettootaan geggeeffame

Dec 12, 2022

Warraaqsi Oromoo bararuuf godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo keessatti jiraattoota, barattootaa fi hojjettootaan geggeeffame.

ONM-ABO Muddee 12, 2022 Roorroon daangaa darbinaa uummatni Oromoo diddaa isaa karaa barattoota isaa agarsiisuu kan eegale torbee darbe keessa.

Sochii hiriira mormii Oromoo baraaruu #OB jedhuun eegale qeerroon bilisumma Oromoo xiinxaluun gara Warraaqsa Oromoo baraaruur #WOB jedhuttu jijjiiruun labsii waamicha hiriiraa, daandii cufuu gabaa lagannaa fi geejjibaa taasise Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti hojiitti oolee jira.
Haaluma kanaan ganama har’aa Muddee 12, 2022 toora sa’a 3:00 hanga sa’a 5:00tti jiraattootni, barattootni, barsiisotni, hojjettootni mootummaa waajjiraalee garaagaraa fi ogeeyyiin fayyaa godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo keessatti hiriira balaaleffannaa murna bilxiginnaa, finxaaleyyii Amaaraa, duguggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiruu fi gaachanummaa WBO ibsee aangoo gadhiisuu bilxiginnaa gaafatu geggeeffameera.

Akka hiriirtootni kun jedhanitti murna bilxiginnaa Minilikiin bakka bu’ee karoora Minilik hin raawwatin hafe raawwachaa jiru diddaa itti jabeessinee gadaa aangoo isaa gabsuun sirnichaa awwaallee hanga saba keenyaaf bilisummaan dhugaa dhufutti warraaqsa kana itti fufna jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply