Uummatni Oromoo godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel Warraaqsa Oromoo bararuuf waamame hiriira sirna bilxiginnaa balaaleffatu geggeessuun labsa sanaaf hawwaatan.
ONM-ABO Muddee 12,2022 Ilmaan Oromoo ona Baabboo Gambeelaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti murna bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan raawwachaa jiru balaaleffachuun hiriira har’a ganama geggeessan.
Hiriira hojjettoota mootummaa, Qeerroowwan, qonnaan bultootaa, abbootii amantii fi Daldaltoota akkasumas uummata Oromoo akka waliigalaatti hammaate geggeeffame kana irratti dhaadannoolee tumsa Oromummaa fi sirnichi aangoo irraa bu’uu akeeku dhageessisuun diddaa uummataa kana uummatni aanichaas ta’e Oromoo cufti guutummaan irratti hirmaachuu akka qabu dhaamsa dabarsaniiru.
