Waamichi warraaqsaa Oromoo baraaruuf jedhu barattoota Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Damee Gimbii fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Gimbii keessatti hiriira mormii taasisuun itti fufe.
ONM-ABO MUDDE 12, 2022 Waamicha Warraaqsa Oromoo baraaruuf jedhu kan guutuu oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruuf dhageettii kennuun barattootni Wallaggaa Yuuniversiitii Damee Gimbii har’a ganama irraa eegaluun, murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee balleessuuf yakka ciiggasisaa dalagaa jiru balaaleffachaa oolaniiru.
Hiriirri mormii kunis ganama irraa kan eegale yoo ta’u barattootni kun dhaadannoo ” Qomoof malee qoonqoof hin jiraannu” jedhu dhageessisuun nyaata lagatanii kan ba’aniiru.
Sana booda dhaadannoolee jajjabduu kanneen akka gaaffii mirga abbaa biyyummaa, murni bilxiginnaa yakkamadha aangoo gadi haa dhiisu, bilisummaa fi walabummaan saba keenyaaf haa mirkanaa’uu fi WBOn irree fi gaachana uummata Oromoo ti, murni morma keenya mure kanaan booda nuuf alagaadha jechuun dhaadachaa turan.
Sochii Warraaqsaa kanaa akkuma isaan jabeessanii itti fufaniin, humni waraana a guddaan itti bobbaafamuun barattootnii fi uummatni magaalaa Gimbii walitti dabalamanii uummata isaaniif sagalee akka hin taaneef barattoota moorichaa guutummatti moorichuma keessatti ugguruunii poolisoota federaalaan reebaa jiru.
Uummata naannoo moorichaatti barattootatti dabalamanii sagalee isaanii dhageessisuuf ba’anis bittimsuun reebichaa fi doorsisa garaa garaa irraan ga’uun barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Gimbii ammoo mooraatti ol itti seenuun poolisootni humna addaa fi milishootni waliin reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni magaalaa Gimbii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaaniiru.
