Caasaan humnoota finxaaleeyyii Faannoo magaalaa Finfinnee maadheffate manneen barnootaa magaalaa Finfinneetti kaleessa hokkara kaasuun barattoota, barsiisotaa fi qabeenya irraan hubaatii geessise.
ONM – ABO – Muddee 13, 2022 Barattoota fi barsiisota dhalootaan Oromoo ta’an irratti gurmuun shororkeessaa Amaaraa maqaa Faannoon of waamuu kaleessa Muddee 12,2022 manneen barnootaa magaalaa Finfinnee garaagaraa keessatti haleellaa cimaa irratti raawwateera.
Akka kanaanis barattoonnii fi barsiisonni dhalootaan Oromoo ta’an hedduun miidhamuun qabeenyi manneen barnootaa guddaanis manca’uu himu.
Gurmuun hookkaraa ijaarame kun manneen barnootaa keessaa fi alaa walitti qindaa’ee socho’aa akka jiru namootni ijaan argan ni dubbatu.
Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaa manneen barnootaa naannoo Shiree Meedaa jiran keessatti kan hammaate ta’uu maddeen kaasuun baatii dhuma kana keessa mana barumsaa naannoo Inxooxxoo jiru keessatti faaruu alaabaa bilxiginnaa hin faarfattan jechuun okkora gareen finxaalessaan kun kaaseen barattoota Oromoo irratti miidhaan qaqqabe ture.
Kana malees manneen barnoota akka naannoo Wiinget, Buufata konkolaataa fi kanneen biroo keessatts gochi wal fakkaataan barattootaa fi barsiisota Oromoo mudateera.
Gareen finxaalessaan kun maqaa afaan Oromoo hin baratamuu fi faaruun alaabaa bilxiginnaa hin farmatamu jedhuun Oromoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee irratti miidhaa qaqqabsiisuuf torbee darbee qabuun waamicha taasisaa turuun ni yaadatama.
