WBOn Gujii bahaa ona Waadaraa fi Lixa Harargee ona Doobbaa keessatti diina du’aa fi madoon adabee.
ONM-ABO 16 Muddee 2022 Irree fi abdiin saba gootichi waraana bilisummaa Oromoo konyaa Gujii baha keessa socho’u kaleessa Muddee 15, 2022 aanaa Waadaraa ganda Hartee iddoo addaa manaa barumsaa Meedhee Kalaalaa jedhamtutti haxxee hidhee lukkeelee diinaa irrati tarkaanfii fudhaateen humna waraana bilxiginnaa aanaa Adoolaa irra gara Waadaraatti bobbaa’an irratti tarkaanfi laleesa fudhaateen loltoota 9 yemmuu ajjeesu 24 ammoo madaa dandammii hin qamne adabee diina rifaasiseera.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii bahaa tarkaanfii weerartoota lafa Oromoo irratti fudhatu itti fufuun kaleessa Muddee 15,2022 godina lixa Harargee aanaa Doobbaa araddaa Kufakaas keessatti tarkaanfii fudhateen poolisoota 5 ajjeesuun, 2 ammoo madoo dandammii hin qabne irraan ga’uun magaalaatti ari’ee galchee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof
