Konkolaataan galaa waraana PP baatee deemaa ture garagaluun qabeenyaa fi namoota irraan miidhaa geessise.
ONM-ABO 17 Muddee 2022 Konkolaataan fe’umsaa harkifataan galaa waraana faashistii bilxiginnaaf baatee daandii Gimbii irraa gara Dambii Doolloo qabatee deemaa ture, har’a Muddee 17, 2022 toora sa’a 6:00 irratti galaa baatee deemaa ture fudhatee naannoo Teeleetti dukkaana namaatti rukutamuun garagaleen qabeenya namootaa fi namoota irraan miidhaa geessisuu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo ammaatti qabeenya konkolaataan fudhatee kufe kaasuu fi namoota miidhaman gara hospitaalaatti geessuutti muddamanii jiru.
Odeessa guutuun walitti deebina.
