Oromoonni biyya Jarman jiraatan magaalaa Barlin keessatti hiriira mormii mootummaa PP irratti gaggeessan.
ONM – ABO – Muddee 17, 2022 Duguuggaa sanyiifi gochaalee suukkaneessaa dirooniifi humna lafoon akkasumas humna sanyi balfituu Faannoon Oromiyaa keessatti Oromoota irratti raawwataa jiru balaaleffachuun Oromoon biyyoota gara garaa keessatti hiriira mormii qopheessuun sagalee isaanii dhageessifataa jiru.
Oromoonni biyya Jarman magaalaa Barliniifi naannoo ishee juraatanis waamicha ABO WBOn taasise fudhachuun, mudde 16, 2022 magaalaa Barlin keessatti hiriira mormii guddaa qopheessuun Uummata isaanii Oromiyaa keessatti dhumaa jiruuf sagalee ta’aa oolaniiru.
Hiriira kana irrattis dhaadannoolee gurguddoo kanneen akka:- haleellaan diroonii Oromiyaa irraa dhaabbachuu qaba, humni Faannoo Oromiyaa keessaa ba’uu qaba, mootummaan Jarman deggersa faashistii jaarraa kanaaf gochuu hin qabu, humni Ertiraa Oromiyaa keessaa ba’uu qaba, Abiy Ahimed Shororkeessaadha, PPn diina Oromooti, hawaasni Addunyaa dhimma Oromoofi Oromiyaa callisuu hin qabu, fi kkf dhageessifamaa oolaniiru.
Abiyyiin dabalatee humnoonni qindaa’oon duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwataniifi raawwachiisaa jiran seeratti dhiyaachuu qabu kan jedhan hirmaattonni hiriira kanaa, biyyi kamuu deggersas meeshaas ta’e maallaqaa impaayera kanaaf akka hin goone gaafataniiru.


