• Mon. Mar 16th, 2026

Oromoo hidhuu adamsanii ajjeesuuf gidirsuun jabaatee itti fufee jira

Dec 19, 2022

Oromoo hidhuu adamsanii ajjeesuuf gidirsuun jabaatee itti fufee jira.

(SQ-Mudde 19, 2022)

Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraa keessatti Aartistoota Oromoo sadii

  1. Shimallis Abbaabbuu
  2. Fayyisaa Hayiluu
  3. Bohaaraa Tashoomee Humnoonni Tika Mootummaa galgala kana bakka isaan Irbaata nyaatanii qabuun Buufata Poolisii Aanaa 8ffaatti hidhuu Maddeen SQ gabaasaniiru.

Sirni nama dararuun beekamu Shiftaan Abbaa Irree Abiyyi Ahimed Tikaaf Basaasa issatti fayyadamuun Magaalaa Finfunnee, Naannaawwaa Isheetii fi Orimiyaa guutuu keessatti Sabboontota irratti dararaa hammeessee jira.

Sirni qarqara kufaatii ga’e kun, tooftaa hundatti fayyadamee waan gochuu qabu mara Oromoo irratti raawwataa jiraachuunis ifa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading