• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn waraana bilxiginnaa Baabboo Gambeel seenuuf ture rukutee aanaa Jaarsoo keessa dabarsuun Najjootti galchaa jiraachuun beekame

Dec 19, 2022

WBOn waraana bilxiginnaa Baabboo Gambeel seenuuf ture rukutee aanaa Jaarsoo keessa dabarsuun Najjootti galchaa jiraachuun beekame.

ONM-ABO 19 Muddee 2022 Waraanni faashistii Abiy Ahimed diddaa uummatni Oromoo torbee darbe lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo fi Baabboo Gambeel keessatti hiriira ba’uun taasisetti aaruunii fi lafa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo to’atee bulchaa jiru gadhiisisuuf Sanbata darbe Muddee 17, 2022 irraa eegalee mooraa bulchiinsa magaalaa Najjoo irraa sochii eegalee ture.

Sochii waraana faashistii Abiy Ahimed kana hubachuun WBOn dheengadda Jaarsoo fi Najjoo gidduutti haleeluun meeshaa fi waraana isaanii booji’uun erga dabarsee booda har’a ganama waraana faashistii lafa nagaa se’uun Jaarsoos qaxxaamuranii aanaa Baabboo Gambeel galuuf deebi’aa turan ganamaan abidda itti gabbisuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoon adabee waraana diinaas booji’uun hanga gabaasni kun qindaa’etti aanaa Jaarsoo irra dabarsuun bulchiinsa magaalaa Najjoo jalaan ga’eera.

Tarkaanfii kanaan waraana faashistii irraa qawwee AKM 20, bireena 1 fi waraana diinaa 8 harkaan qabamanii jiru.

Lolli akka itti fufetti jira. Gabaasa dabalataan walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading