WBOn godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti haleellaa taasiseen dishqaa dabalatee meeshaalee waraanaa garaagaraa fi loltoota bilxiginnaa 25 booji’uu beeksise.
ONM-ABO Muddee 21, 2022 Qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn tarkaanfii bifa haaraan giddu galeessaa Oromiyaa keessatti fudhachuu itti fufeen diina du’aa fi madoon adabaa meeshaa gurguddaa fi waraana bilxiginnaa booji’uun kan eegalan baattoon imaanaa goototaa WBOn kaleessa Muddee 20,2022 ganama irraa eegaluun kibba lixa Shaggar aanaa Amayyaa ganda Gambeel keessatti diina akka dansaatti du’aa fi madoon adabee jira.
Haleellaa jabaa ganama hanga galgalaatti gootichi onnee sibiilaa WBOn waraana faashistii maqaa sakattaan ba’anii ganda Gambeel dhufan irratti fudhateen loltootni diinaa 111 ajjeefamuun 123 kan madaa’an yoo ta’u loltootni diinaa 25 harkaan booji’amanii jiru.
Lola kanaanis qawwee AKM 145, dishqaa 2, isnaayippera 2, bireena 4, rasaasa AKM 5426, rasaasa bireenaa 2355, rasaasa dishqaa sanduqa 3, boombii harkaa 50, hidhannoo mudhii hedduu fi galaa isaanii irraa booji’uun magaalota xixiqqoo sadii keessa dabarsuun gara magaalaa aanichaatti galchuun qaanessee deebiseera.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo meeshaalee waraanaa fi loltoota hanga kana booji’e malee meeshaaleen akkasumas waraanni PP ganda keessatti harca’anii hafan hawaasa naannoon qabamanii dhaqaa jiraachuu yeroo gabaasa kana qindeessinetti hogganaa waraanaa bakkichaa irraa hubachuu dandeenyeerra.
Hogganaan waraana WBO naannichaas gumaa saba keenya baasaa imala keenya gara Finfinneetti goonu jabeessinee itti fufuun murna bilxiginnaa duguuggaa sanyii Oromoo irratti labsee hojjechaa jiru uummata keenya waliin taanee buqqisuun Oromoo bilisoomee fi Oromiyaa walabee ijaaruutti lafee , dhiigaa fi lubbuu keenya ni laanna jechuun deemsi isaanii garamitti akka ta’ee fi tokkummaan uummatni Oromoo akka ka’u dhaamsa dabarsaniiru.
Lolli bilisummaa Oromiyaa bakkoota maratti finiinee itti fufa.
Injifannoon uummata Oromoof!
