Humnooti Mootummaa Qabeenya Abbaa Gadaa Obbo Goobanaa Hoolaa cabsuun saamani.
(SQ-Mudde 23, 2022)
Humnoonni nageenyaa mootummaa halkan mana jireenyaa Abbaa gadaa Goobanaa Hoolaa godina Shawaa Bahaa magaala Maqiitti argamu cabsanii seenuun erga saamanii booda fi ilmasaanii tokko too’annoo jala oolchuu, Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Addis Standarditti himaniiru.
Miseensonni humnoota nageenyaa mootummaa halkan sa’aa 5 hamma ganama sa’aatii 12tti qe’eesaanii sakatta’aa turuun qarshii 200,000 fi meeshaalee miidhaginaa fi faayaa adda addaa akka saaman dubbatu Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa. Sababiin tarkaanfii kanaa shakkii ilmi Abbaa Gadaa kan Addunyaa Goobanaa Waraana Bilisummaa Oromoo godina Shawaa Bahaa keessatti socho’u hogganaa jira jedhuun ta’uu, Abbaan Gadaa ibsaniiru.
