Sirni Abiy Ahmed Dargaggoo Oromoo Adamsee Hidhaan Gidirsuu Jabeessee Itti Fufeera.
[SQ Mudde 26/2022]
Yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan cufatti Qeerroowwan, dargaggootaa fi qabsaa’ota Oromoo adamsuun sirni Abiy Ahmed jumlaan hidhaatti guuraa jira. Haaluma kanaan dargaggoo Moyiboon Dheeressaa jedhamu magaalaa Finfinnee keessaa humnoota tikaa PP tiin butamee achi buutee dhabamuu maddeen Sagalee Qeerroo ifoomsaniiru.
Qaamni dargaggoo Moyiboon guyyaa afur dura butee deemellee yeroo ammaa eessatti akka hidhee fi haalli inni keessa jirullee yaaddoo ta’uu maatiin odeessa nuuf ergan yaaddoo qaban ibsataniiru. Ammaan dura yeroo addaa addaatti dargaggoo kana humnoonni kun hidhaa turanis, amma garuu bakki inni itti hidhame wallaalamuun maatiisaa heedduu hibboo itti ta’eera.
Moyiboon nama nagaa fi kan dhiheenyuma ogummaa Injiineriingiin eebbifamee hojii barbaachaaf Finfinnee jiraatu ta’uullee odeessi nu dhaqqabe ifa godha.
