• Thu. Mar 19th, 2026

Kaaba Shaggar Ona Warra Jaasootti hidhattoonni garee maafi’aa PP mana qonnaan bulaa tokkoo gubuun horii nama tokkoos saaman

Dec 27, 2022

Kaaba Shaggar Ona Warra Jaasootti hidhattoonni garee maafi’aa PP mana qonnaan bulaa tokkoo gubuun horii nama tokkoos saaman.

ONM – ABO – Muddee 27, 2022 Saamichi fi mancaatiin qabeenyaa waarana garee maafi’aa PPn ilmaan Oromoo irratti raawwatu guyya gara guyyaatti dabalaa deemuun jiraattootni jireenya yaaddoo fi gadadoo keessatti kufanii jiraachuu dubbatu.

Godina kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessatti gareen maafi’aa PP jiraachuu ilmaan Oromoo hin feene bilxiginnaan guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 26, 2022 waraana isaa gara ganda Nuunnuu Goondinii jedhamutti barii barraaqaan bobbaasuun mana manguddoo umurii 65 olii obbo Girmaa Garbuu jedhamu qabeenya mana keessaa waliin ati hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun gubanii barbadeessaniiru.

Achuma ollaa isaatii ammoo nama obbo Saaburee Mangistuu jedhamu jalaa ammoo sangoota qonnaa lamaa fi sa’a elmamtuu jalaa fudhachuun gara mooraa isaaniitti geeffachuun qalatanii nyaatan jechuun jiraattootni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Manguddootni manni isaa jalaa gubatee fi qabeenyi isaa saamame kunneen namoota umuriin deemanii fi siyaasa hin beekne yoo ta’an manguddootni kun namoota walitti araarsuun ollaa isaanii biratti kan beekaman akka ta’e jiraattootni ragaa ba’uuf.

Maanguddootni umriin isaanii waan deemeef hojii hojjetanii qabeenya horachuun kan isaan rakkisuu ta’uu himuun isaaniif maatiin isaanii rakkoo irra ga’ee jiru kanaan fuula durattis jireenyatti deebi’uuf kan rakkatan ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading