Godina lixa Wallaggaa gandoota aanaa Gimbii keessatti saamichaa fi ajjeechaan Waraana PPn uummata Oromoo irratti taasifamu cimee itti fufe.
ONM – ABO – Muddee 28, 2022 Waraanni murna bilxiginnaa kumaatamaan lixa Oromiyaatti bobbaafaman waggoota arfan darban kana lubbuu lammiilee fi qabeenya uummataa mancaasaa kan ture yoo ta’u, gochi isaanii kun ammallee itti fufuun madda rakkoo jiruuf jireenya uummataa ta’uu danda’aniiru.
Godina lixa wallaggaa aanaa Gimbii Ganda Gaagawoo Qarree jedhamtu keessatti Muddee 26,2022 waraanni faashistii Itoophiyaa nama maqaan isaa Maariqos Immiruu Bulchaa jedhamu ajjeesanii turan.
Achuma Ganda Gaagaw Qarree keessatti waraanni maafiyaan impaayerattii ergama jal’inaa fudhachuun uummata nagaatti bobbaafame kun manneen jiraattotaa cabsuun saamicha fi mancaatii qabeenyaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Lammaa Haayiluu, Shuuramuu Tarfaa, Mulaatuu Abdiisaa fi Iddoosaa Saaqqataa namoota jedhaman ammoo addatti mana isaaniitti seenuun waan isaan gammachiisu hunda erga saamaniin booda meeshaalee mana keessaa ammoo caccabsuun qe’ee namoota kanaa kan barbaadeessan ta’uu kan dubbatan maddeeni.
Itti dabaluuni nama Maqaan isaa Gammadaa Tasfaa jedhamu jalaa qarshii 18,000 giiphii isaa keessaa fudhachuullee himaniiru.
Maddeen keenya naannichaa ijaan argan akka dubbatanitti, waraanni maafi’aa PP gocha qaanessaa sabbataa harmoolee hikanii maallaqa guuraa turan erga raawwataniin booda irratti waliif galuu dadhabuun walitti dhukaasanii miseensa tokko rukuchuu dabaluun ibsaniiru.
