• Fri. Sep 11th, 2026

ABO-WBOn waraana leenjii siyaasaa fi waraanaa kennaafii ture kaaba Oromiyaa Walloo keessatti eebbisiise

Dec 30, 2022

ABO-WBOn waraana leenjii siyaasaa fi waraanaa kennaafii ture kaaba Oromiyaa Walloo keessatti eebbisiise.

ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Jaarmiyaan ABO-WBO humna jabaa siyaasaa fi waraanaan murna bilxiginnaa falmatee gadaa aangoo isaa gabaabsu leenjisee bobbaasuu itti fufee jira.

Akka kanaanis dheengadda Muddee 28, 2022 mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo kaaba Oromiyaa godina Wallootti argamu keessatti kaadhimtoota waraanaa roorroo uummata Oromoo irra ga’aa jiru jibbuun gara WBOtti dhufan simatee leenjisaa ture,leenjii jabina qaamaa, tooftaa waraanaa, seenaa Oromoo, akeeka qabsoi bilisummaa Oromoo, biyyummaa fi impaayerummaa akkasumas qajeelfamoota dhaabichaa irratti barsiisaa ture xumursiisee eebbisiiseera.

Qondaaltotni WBO godina Walloo eebba kana irratti argamuun haasaa taasisanii jiru.
Eebbifamtootaan baga ga’umsa kana argattan jechuun fuula duratti jabaatanii saba isaaniif ajjeesanii du’uun bilisummaaf ce’umsa akka ta’an dhaamsa dabarsaniiru.
Oromiyaan yeroo ammaa rakkoo duguuggaa sanyii ishee irratti raawwachaa jiruun boo’aa akka jirtu kaasuun boo’icha ishee kana ilmaan ishee qawwee kaasaniin imimmaan akka irra dhiqamu kallattii kaa’iifiin of qusannoo tokko malee gootummaa Waraana Bilisummaa Oromoon waraana bilxiginnaa rukutuun sirnicha buqqisuuf hojjechuu akka qaban akeekaniirun.

Eebba kana irrattis guyyaan WBO Amajjiin 1 sirna oo’aan akka yaadatamuu fi kabajamu ta’eera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading