Godina Lixa Harargee, Aanaa Mi’eessoo keessatti mootummaan PP weellistuu Faaxee Anniyyaa qabanii hidhuun beekame.
ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Aartist Faaxee Anniyaa walleelee gara garaa hojjechuun guddina aartii Oromoo keessatti nama shoora guddaa taphataa jirtu yoo ta’u, waraanni murna PP Muddee 29, 2022 Godina Lixa Harargee Aanaa Mi’eessoo keessattti ukkaamsanii hidhuu Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Lixaa beeksise.
Aartistii beekamtuu, Faaxee Anniyyaan, hojii waraabbii viidiyoo sirbaa ogeessota kaameraa waliin hojechaa otoo jirtuu waahillan ishii hunda waliin reebamanii kan ta’ataman ta’uu jiraattonni kan nuuf mirkaneessan yoo ta’u, Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Lixaa garuu, garee nama hedduu of jalaa qabu qabattee otoo sochootuu to’atamte jechuun hojii isheen deemtuuf yakkatti dabarsuuf dhugaa ishee jal’iseera.
Faaxee fi waahellan ishii kan ukkaamfaman Araddaa Dannabaa Hundee Misoomaa, Ganda Qimmiixaa jedhamu keessatti hojii waraabbii suur-sagaleetiif osoo Socho’aa jiranii akka ta’e beekamee jira.
Aartistiin sagalee hawaasaa kan yeroo gaddaa fi gammachuuti. Aartistii ukkaamsuun sagalee hawaasa bal’aa hukkaamsuudha kan jedhan jiraattonni gandichaa, waraabbii suur-sagalee irra jiraachuu isaanii otoo beekanii qabanii hidhuun haqa aartistoota kanaas gara dabarsuuf deemaa akka jiranis dubbataniiru.
