Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessatti saamichi, hidhaa fi doorsisni ilmaan Oromoo irratti hammaate.
ONM – ABO – Amajjii 3, 2023 Waraanni murna bilxiginnaa fedhii hawaasaa dhiisee barcuma siyaasaa Abiy Ahimediin tiksuuf bobbaafaman baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu keessatti ilmaan Oromoo dararaa oolu.
Ergamtootni bilxiginnaa garaa isaaniif jiraatan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen puulii fi shaayee buna irra deemuun dargaggoota gadi baasanii reebaa fi doorsisaa oolu.
Reebichaa fi doorsisa irraan ga’an malee qabeenya manneen hojichaa keessa jiran ni saamu.
Poolisootni humnaa Oromiyaa ofiin jedhan magaalaattii keessatti guyyaa qorannoon nama rakkisaa galgala namoota hojii humnaa hojjetanii warshaalee garaagaraa irraa dadhabanii galan karaatti dhaabuun saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
