• Tue. Nov 24th, 2026

Tiksitoonni impaayera Itoopiyaa saamicha guddaa qotee bultoota Oromoo irraan ga’uu jabeessan

Jan 3, 2023

Tiksitoonni impaayera Itoopiyaa saamicha guddaa qotee bultoota Oromoo irraan ga’uu jabeessan.

ONM – ABO – Amajjii 3, 2023 Maqaa duulaa marsaa kanaatiin ergamtoonni PP lixa Shaggar aanaalee hedduu keessatti sochii godhaa jiraniin saamicha qotee bultoota Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Maddi keenya lixa shaggar Aanaa Jalduutii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka himanitti kaleessa Amajjii 2, 2023 magaala jalduutii ba’uun ganda magaala Jalduu daangessitee argamtu ganda Hindhee Dooriitti bobba’uun qabeenya mana keessa caccabsuun loon saaman.
Namoota loon jalaa saamame keessa obboo Girmaa Daksiisaa loon shan fudhachuun qabeenya mana keessa barbadeessan.

Obbo Magarsaa Kabbadaa jalaa loon 7, hoolota kudhan yoo fudhatan obboo Fiqaadu Guutaa jalaa ammoo qarshii 80,000 fudhachuu maddi keenya kun himeera.

Maqaa duula kanaatiin saamichi uummata keenya irratti ta’aa jiru hamaa yoo ta’u qabeenya qotee bulaa saamuun ilmaan hiyyeessa beelaan akka dhuman gochuu waan ta’eef uummatni keenya waliif birmachuu fi sagalee walii ta’uu qabaa kan jedhan namoota yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodaniidha.

Leave a Reply