• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni bilxiginnaa godina Lixa Harargee ona Ciroo keessatti maqaa sakattaa WBO’n bobba’an walitti dhukaasuun wal irraa ajjeesuun barame

Jan 3, 2023

Waraanni bilxiginnaa godina Lixa Harargee ona Ciroo keessatti maqaa sakattaa WBO’n bobba’an walitti dhukaasuun wal irraa ajjeesuun barame.

ONM – ABO – Amajjii 3, 2023 Murni bilxiginnaa lola dhuma hin qabne Waraana Bilisummaa Oromoon Oromiyaa keessaa torban 2 keessatti nan balleessaa duula bara 2018 eegale dhuma dhabuun lubbuu loltoota isaa fi qabeenyi isaa hedduun kan mancaa’an yoo ta’u, hawaasni gama qabeenya saamamumu, lubbuun darbuu, buqqa’uu fi hidhaa jumlaaf saaxilameera.

Lola murni bilxiginnaa ilmaan hiyyeessaa goyomsaa fi humnaan itti galchu kanaan kan miidhaman loltootni faashistii bilxiginnaa dheengadda Amajjii 1, 2023 godina lixa Harargee aanàa Ciroo araddaa Sheek Adam keessatti sakattaa WBOf kallattii lamaan ba’uun WBO argine jechuun sodaan walitti dhukaasaniin nama shan shan wal irraa ajjeesuun gariin madeessuun WBO akka lolaa oolanitti gabaafatan.

Booda irra gabaasni garee lachuu wal fakkaachuun akka walitti dhukaasan hubachuun kaleessa Amajjii 2, 2022 bakkichatti deebi’uun reeffa dhoksaan kaasanii awwaalaa turan.

Sababa kanaanis aarii keessa galuun qabeenyaa uummata naannichas irraan miidhaa ga’aa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Ciroo gabaasanii jiru.

Leave a Reply