• Wed. Jan 14th, 2026

Godina addaa Oromiyaa naannowwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen jiraattotaa diigaa jiraachuun barame

Jan 4, 2023

Godina addaa Oromiyaa naannowwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen jiraattotaa diigaa jiraachuun barame.

ONM – ABO – Amajjii 4, 2023 Murni bilxiginnaa ofii isaa lafa abbootii qabeenyaatti seeraan ala gurguraa, deggertootaa fi basaastotaaf qooda akkasumas hojjettoota isaan saamaa namoota rakkoo mana jireenyaa isaaniif lafa qabatanii irratti mana ijaarrachuun waggoota lakkopfsisan seeraan ala jechuun diigaa jira.

Amajjii 2 fi 3, 2023 godina addaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu bakka Malkaa Gafarsaa jedhamutti manneen jiraattoota 30 ol ijaarsa seeraan alaa jechuun diigan.

Guyyoota lama duula ijaarsa seeraan alaa jechuuun bobbaa’anii hiyyeessota rakkoo mana jireenyaa qabaniif ijaarratanii itti galanii jiran jalaa diigaa turan kanatti lafa abbootiin qabeenyaa qabatan ammoo seera qabeessa taasisaa darbu.

Manneen diigaman kun irra caalaan kan ilmaan Oromoo yoo ta’u, armaan dura ammoo lafoota akkasiin manaan qabamee kanneen finxaaleyyii Amaaraa maallaqa fudhachuun seera qabeessa taasisanii turan.

Murni bilxiginnaa kaabinootaa fi waraana isaa itti bobbaasuun maatii hanga kana mana maleeyyii taasisuun bakkeetti facaasuun rakkoof saaxilee jira.

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa ijaarsa seeraan alaa diiguu jedhuun miidhaan hawaasa Oromoo irra ga’u mana isaanii irraa buqqa’uu qofa osoo hin taane seera qabeessa isiniif taasisnaan jechuun maallaqni ilmaan hiyyeessaa irraa guuramuu guddaa ta’uu madeessuun magaalaa Buraayyuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading