Murni Biltsiginnaa godina Jimmaa keessatti hidhaa jiraattota irratti hammeessuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himan.
ONM – ABO – Amajjii 6, 2023 Godina Jimmaa aanaa Limmuu Gannatii fi aanaa Mannaa irraa sabboontota ilmaan Oromoo funaanuun murni Biltsiginnaa magaalaa Jimmaa Waajjira Poolisii aanaa tokkooffaa keessaatti gidirsaa jiraachuun dhaga’ame.
Aanota lamaan kana irraa qabamuun magaalaa Jimmaa keessatti baatiilee sadii ol hiraarfamaa kan jiran ilmaan Oromoo manni murtii akka gadi dhiifamaniif ajajus waajjiirri poolisii magaalitti namoota 11 qofa keessaa gadi dhiisuun warra kaan hanga har’aatti dararaa jiraachuun beekameera.
Namootni aanota kana irraa qabamuun hanga har’aatti hiraarfamaa jiran; shamarree Inaanituu Kaliil, Raamatuu Shaariifii fi Rahaa Tijjaanii yoo ta’an namootni kun balleessaa tokko malee mana adabaatti darbatamuutu himama.
Dubartiin Rahaa Tijjaanii jedhamtu walga’ii kaabinootni gaggeessan irratti maqaa waraana bilisummaa Oromootiin nama dararuu dhaabuu qabdu jettee waan dubbatteef qofa mana adabaa keessatti gidiraa argaa jiraachuu isheellee jiraattotni dubbatu.
Namoota aanaa irraa qabaman kana malees namootni magaaluma Jimmaa keessaa qabamuun yeroo dheeraaf hiraarfamaa jiranis kan jiran yoo ta’u, namootni kunneen; Barsiisaa Jifaaraa Margaa, Addunyaa lammeessaa, Tinsaa’ee Befiqaaduu, Saabir Abbaa Shaaroo fi Rashaad Ahimad kan jedhaman yoo ta’an, namoonni kun magaaluma jimmaa keessaa qabamanii hidhamuun baatiilee hedduuf rakkataa jiraachuutu himama.
