• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni murna faashistii Itoophiyaa Oromiyaa keessatti lubbuu uummata nagaa baasuu jabeessee itti fufe

Jan 10, 2023

 
Waraanni murna  faashistii Itoophiyaa Oromiyaa keessatti lubbuu uummata nagaa baasuu jabeessee itti fufe.
 
 
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Guyyaa Oromiyaan kolonii alagaa jalatti kuftee eegalee dhiigni ilmaan Oromoo guyyaatti  hin cobin oolee kan hin beekne yoo ta’u, addatti ammoo waggoota arfan darban kanatti yakki sirni PP uummata qulqulluu irratti raawwachaa jiru hammachuun dachiin Oromiyaa galaana dhiigaatiin liqimfamaa kan jirtu ta’uun beekamaadha.
 
Kanumaan wal qabatees waraanni maafiyaan PP  impaayera Itoophiyaa keessatti ergama abboota isaatii hojiitti hiikuuf deemu, godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Borcootaa keessatti  Amajji 7 2023 gara laafinaa fi naasuu tokko malee shamarree Bashaadduu Naccuu jedhamtu ajjeesuun dhaga’aameera.
 
Oduma wal fakkaatuun  godina Qellem Wallaggaa ona sayyoo ganda Eeshoo jedhamtu keessattis Jimaata darbe jechuun amajji 6, 2023 dargaggoon Hundeessaa Biraanuu jedhamu waraana impaayerattiitiin ajjeefamuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply