• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa  aanaa Sayyoo Nooleetti kaabinoonni sirna PP leellisan sababa baatii darbe keessa waraanni Bilisummaa Oromoo aanaa sana seenee tarkaanfii fudhateef jecha  jiraattootaa fi  hojjettoota aanichaa hidhaatti guuraa jiran ajjeesuuf boolla qotachiisaa jiraachuun dhaga’ame

Jan 10, 2023

 
Lixa Wallaggaa  aanaa Sayyoo Nooleetti kaabinoonni sirna PP leellisan sababa baatii darbe keessa waraanni Bilisummaa Oromoo aanaa sana seenee tarkaanfii fudhateef jecha  jiraattootaa fi  hojjettoota aanichaa hidhaatti guuraa jiran ajjeesuuf boolla qotachiisaa jiraachuun dhaga’ame.
 
 
 
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Impaayeera Itoophiyaa keessatti ilmaan Oromoo hanga bineensaayyuu mirga dhabuun yeroo itti boolla awwaalchaa osoo lubbuun jiranii qotatanii  waraana garee maafi’a PPn ajjeefamanii  gataman argaa jirra.
 
 Lixa Wallaggaa aanaa  Sayyoo Noolee keessatti yeroo   darbe  keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo diinaa fi lukkeelee diinaa  achi keessaa haxaa’e balleessuu irraan kan ka’e uummata nagaa ittiin dararuu eegalan.
 
 
Hidhattoonni garee faashistii PP uummata Oromoof naasuu tokko hin qabne kun gara aanichaatti erga deebi’aniin booda namoota nagaa mana hidhaatti guuruun ajjeesuu fi boollaa itti awwaalaman isaanuma qochisiisaa jiraachuu   maddeen himu.
 
 
Hidhamtoota sana keessa deessuun baatii sadii keessatti kan  argamtuu akkasumas warra waajjira gubsiise jechuun addatti baasuun boolla  qochisiisaa jiraachuus  dubbatu.
 
Ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhamaniin nanni hidhichaa guutuu irraan kan ka’e namoonni hedduun hanga gaafa du’a isaaniitti ala buna jala bulaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
 

Leave a Reply