• Tue. Nov 24th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuuf baayinaan lixa Oromiyaatti bobbaafamaa jiru

Jan 10, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuuf baayinaan lixa Oromiyaatti bobbaafamaa jiru.
 
 
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Yeroo hedduu karaa miidiyaa,  kaabinoota akkasuma mataa nafxanyootaa Abiy Ahimediin Waraanni Bilisummaa Oromoo badeera, sadarkaa biyyaaf yaaddoo irra hin jiru, gara biyyoota ollaatti baqataniiru  fi  balleessineerra jechuun olola turanis baatii baatiitti daandii cirracha gurraachaa Finfinnee Dambii Doolloo geessu irra oraalii fi konkolaattotni waraana fe’an hedduun waraana fe’u.
 
 Waraanni Bilisummaa Oromoo sadarkaa isaan itti yaadan osoo hin taane faallaa isaanii bakkoota kanaan dura ga’ee hin beekne ga’uun tarkaanfii diinaaf lukkeelee isaanii irratti fudhachuutti cimsee jira.
 
Guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 9, 2023 waraanni garee maafi’a PP baayinni isaanii hedduu kan ta’ee fi konkolaataa  sino track 60 ol ta’an gara lixa Oromiyaatti duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuuf bobbaafamaa jiraachuu fi duulli waraana kanaa  duuban illee karaa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuz akka taasifamuuf deemu dhagaa’ameera.
 
Waraanni baayinaan gara lixa Oromiyaatti fe’amaa jiran kun Waraana Bilisummaa Oromoo loluuf Osoo hin taane uummata nagaa jumlaan fixuu fi qabeenya isaa saamuuf akka ta’e gochoota yeroo darbee irraa hubachuun nama hin rakkisu.
 
Uummata nagaa siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan, obaastan ,deggartan jechuun namoota  nagaa jumlaan gidirsaa, ajjeesaa akka jiranii fi taatewwan waggootan arfan darbe kaase gochi sukkanneessan kaabinoota fi waraana garee maafi’a PP  kanaan adeemsifama ture akka fakkeenyatti kaasuun ga’aa dha.
 
Waraanni Bilisummaa Oromoos gama isaatiin bineensa isin nyaachuuf gara keessanitti hedduminaan yaa’a jiru kana of eegannoo cimaa akka gootan jechuun uummata isaaf dhaamsa dabarseera.

Leave a Reply