• Thu. Nov 26th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo garbummaa hundeen uummata Oromoo irraa buqqisuuf waraana bilxiginnaa Oromoo kolonii jala bubbchuuf bobba’an lixa Shaggar bakkeewwan adda addatti adabaa jira

Jan 11, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo garbummaa hundeen uummata Oromoo irraa buqqisuuf waraana bilxiginnaa Oromoo kolonii jala bubbchuuf bobba’an lixa Shaggar bakkeewwan adda addatti adabaa jira.

ONM-ABO 11 Amajji 2023 Maqaa duula ijibbaataatiin kaaba impaayerittii irraa Oromiyaa irratti faashistoota isaa kan bobbaase PPn waraana aanaa Amboo gandoota Waddeessa irraan sochii taasisanii turan Amajjii 9, 2023 sa’a booda sa’a 10:30 irratti  qallaba geessanii osoo deebi’anii ganda Kaarraa bakka adda addaatti haxxee hidhuun haleele ture.
 
Haxxee duraa ganda Kaarraa bakka addaa Saallan jedhamutti yoo haleelu humnoota konkolaata irraa ittisa gochuuf yaa’an du’aa fi madoon adabeera.

Haxxee biraan ganda Galaan Waddeessa bakka addaa Bagaalloo fi Dhagaa adiitti lola lolameen gaaga’ama  cimaa ergamtoota PP irraan gaa’ameera.
 
Humna reebduu ganda Dikiitii humna ba’e ganduma Dikii bakka addaa Oborraatti haxxee hidhuun faashistoota madoo fi du’aan adabeera.
Amajjii 10, 2023 Aanaa Ilfataati kan ba’e ganda Gomosaa Saaxootti baaruda ulachiisee ofirra deebiseera.
 
Walumaagalatti lola kanaan humna PP 9 battala yoo ajjeesu 11 madoo cimaan adabeera.
 
Gama biraatiin Amajjii 10, 2023 Lixa Shaggar Aanaa Jalduu Magaalaa Jalduu fi Qubsuma Koluu irraa wal dhuunfachuun gara ganda Hindhee Dooraatti ganama sa’aati 11::00n sochii kan taasisan ganduma sana bakka addaa Qooftuutti rasaasaa jajjabeen akaa’amuun madoo fi du’aan adabbii jabaa argataniiru.
Lola kanaan marsaa lamaaf jajjabeen kan buqqisiise yoo ta’u humna reebduu magaala Jalduu qubsuma Gobaaxaa fi waajjira poolisii aanaatii wal funaanuun deemaa turan bakka addaa Laga Goodas Raachaa jedhamutti baarudaan macheesseera.
 
Walumaa galatti lola kanaan humna PP 25 battalatti biyyoo yoo siphachiisu, 33 madoo cimaan adabeera.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 14, AKM Turkey 3  hidhannoo guutuu waliin dugda diinaarra hiikee mooraa qabsoo Oromoof galii taasiseera.

Injifannoo Uummata Oromoof!

Leave a Reply