Kaaba Shaggaritti waraanni murna PP namoota afur aalbeedhaan qalanii ajjeesuun dhagaa’ame.
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Sirni harkaa fi harma, akkasumas morma Oromoo mure ammas haala suukkaneessaan Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuu keessatti Oromoota 4 aalbeedhaan qaqqaluun ajjeesan.
Amajji 08, 2023 Kaaba Shaggar, Salaalee ona kuyyuu ganda Darroo Daannisaa jedhamtu keessatti dargaggo 3 fi dubartii tokko waraanni mootummaa aalbeen qalee hallayyaatti darbachuu jiraattinni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himani.
Namoonni waraana mootummaan qalamanii ajjeefaman kunneen, Maqaansaanii:-
•Shaambal Aabbii, Abdiisaa Asaffaa, Jarman Baayyuu ganda Darroo Birbirsaa fi dubartii Qananii jedhamtu bifa sukkaneessan ajjeesanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti namoonni ajjeefaman kunneen hirmaannaa siyaasaa kamuu kan hin qabneefi Oromummaa qofaan yakkamuun kan ajjeefaman ta’uu dubbachuun, sirna sanyi balfituu kana ofirra bubbulchuun miidhaa hanga dhabama Oromootti fiduu akka malus akeekaniiru
