Waraanni murna faashistii Itoophiyaa dhalootaan Oromoo ta’an mooraa diinaa cabsanii ba’uun WBOtti harka kennachuu itti fufan.
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Impaayera Itoophiyaa keessatti barcuma aangoo siyaasaa nama dhuunfaa kan kaayyoon isaa uummata Oromoo kolonii habashaa jalatti bitee, Oromiyaa dirree bittaa isaatii taasifachuu ta’e tiksuuf, ilmaan Oromoo kumaatamaan meeshaa waraanaa hidhatanii adda waraanaatti bobba’uun dhumaa kan turanii fi ammallee dhumaa kan jiran yoo ta’u, yeroo garaagaraatti garuu ilmaan Oromoo kun sirnichatti dammaquun lubbuu isaaniis baraaranii qabsoo bilisummaa Oromoo WBOn taasifamaa jiruttis guufuu ta’uu irra gara WBOtti harka kennachaa jiru.
Kanumaan wal qabatee Amajji 8,2023 ajajaan Dhibbaa miseensa raayyaa ittisa impaayerittii dhalootaan Oromoo ta’e tokko mooraa waraana Biltsiginnaa magaalaa Najjoo keessaa miliqee WBOtti harka kennachuun dhagaa’ameera.
Miseensi waraana miliqee kun yaadasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kenneen akka jedhetti, nuti ajaja gubbaadhaa gadi darbu miseensatti gadi dabarsinee uummata keenya irratti yakka dabaa dalagnee dalagsiisaa turre.
Akkasumas dararamuu uummata Oromoofis sababa taanee alagaaf daandii taanee nurra socho’anii Oromiyaa diigaa jiru, yeroo keessa garuu gochi ani itti jiru sammuu kootti gaaffii uumee boqonnaa gaafa na dhorkatu bobaa alagaa jalaa ba’ee biyya koof dhabbachuu murteesseen miliqe jechuun dubbate.
Itti dabalees ilmaan Oromoo waraana murna bilxiginnaa kam keessa jiran marti meeshaa diinaa baachuun uummata isaanii dararuu dhiisanii gara waraana uummata Oromoo WBOtti makamuun biyya isaaniif akka dhaabbatan dhamsasaa dabarfateera.
