• Fri. Mar 20th, 2026

Waraanni fi milishootni bilxiginnaa 36 godina Qellem Wallaggaa fi lixa Wallaggaa keessatti WBOtti  harka kennatan

Jan 13, 2023

 
Waraanni fi milishootni bilxiginnaa 36 godina Qellem Wallaggaa fi lixa Wallaggaa keessatti WBOtti  harka kennatan.
 
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Fedhii malee humna diinaa jalatti hiriiruun ijaarsa sirna nafxanyaaf utubaa ta’uun Oromoo fi Oromiyaa hiraarsaa kan turan akkaatuma haalli aanja’eefiin moonaa diinaa diiguun bakkoota garaagaraatti, gara moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromootti harka kennataa jiru.
 
Akkaatuma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti humna murni bilxiginnaa aanicha qabattanii teessu jechuun humnoota garaagaraa magaalaa Dambii Doolloo irraa kaleessa garasitti bobbaase keessaa milishootni 19 fi humni addaa 5 Waraana Bilisummaa Oromootti of gabaasuun, diinni uummata Oromoo sirna impaayerichaa ta’uu mirkaneessanii jiru.
 
Bifuma wal fakkaatuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa irraa raayyaa ittisa impaayerattii fi humni addaa 12 Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
 
Milishaa irraa hanga raayyaa ittisa impaayerittiitti dirqamaan miseensa itti ta’uun tajaajilaa kanneen turanii boodarra gara haqa saba isaaniitti deebi’an, yaada isaanii yeroo ibsatanitti, hedduun isaanii butamanii ukkaamfamuun, gariin ammoo manneen hidhaa irraa akkasumas humna milishaa ta’uun tajaajilaa kanneen turan ammoo sossobamuu fi faayidaa xixiqqoon gowwomfamuun akka itti makaman ni dubbatu.
 
Meeshaalee lolaa qawwee AKM 36 hidhannoo guutuu waliin moonaa diinaa onsanii kan ba’an yoo ta’u, hiriyyoota isaanii moonaa diinaa keessatti hafaniinis eenyummaa keessan gurgurtanii lammii keessanitti hin diinomiinaa, gara daandii haqaa qabsoo bilisummaa Oromoo WBOn geggeeffamutti harka kennadhaa jechuun ergaa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading