• Sun. Jan 11th, 2026

Waraanni mootummaa faashistii Abiy Ahimed godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Waaccuu Ilaalchaa keessatti mana jiraattotaa ibiddaan barbadeessan

Jan 14, 2023

Waraanni mootummaa faashistii Abiy Ahimed godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Waaccuu Ilaalchaa keessatti mana jiraattotaa ibiddaan barbadeessan.

ONM – ABO – Amajjii 2023 Waraanni murna maafi’aa PP Oromiyaa keessatti yakka gurguddaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru itti fufuun uummata irratti rakkoo hawaas dinagdee akkasumas mancaatii lubbuu fi qabeenyaa uumaa jira.

Haaluma kanaanis kibba Oromiyaa godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa ganda Waaccuu Ilaalchaa keessatti waraanni murna maafi’aa PP mana namoota nagaa hedduu ibiddaan gubuun qabeenyaa uummataa barbadeessuu jiraattotni dubbataniiru.

Gocha waraana PP kanaanis manneetiin uummataa guutummaatti gubatanii kan barbada’aan yoo ta’u, gocha kanaanis namootni baayyeen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa ari’atamuun jiruu gadadoof kan saaxilaman ta’uun himameera.

Namoonni gocha waraana faashistii PPtiin qe’ee fi qabeenyi isaanii jalaa gubate; Gizaachoo Solomoon, Girmaa Edeemaa, Milkeessaa Girmaa, Abbiree Girmaa, Didaa Goobana, Aragguu Mormaa, Gannoo Gammadee, Alamuu Odaa, Biraanuu Jaarsoo, Fiqiruu Dhakoo, Mijuu Lataa, Gammadee Shokaa, Mokonnon Wandimmuu, Dullachaa Qonyee, Daani’eel Buxashuu, Kifilee Jaarsoo, Mokonnon Masfiin fi Abdafiree Banataa yoo ta’an namoonni kunneen ibidda waraanni PP qe’ee fi qabeenya isaaniitti qabsiiseen harka qullaatti hafan.

Namootni kun ammatti bakka itti galan qe’ee isaanii dhabuun jireenya gadadoo fi kadhaaf kan saaxilaman ta’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading