Waraannii Shororkessaan bilxiginnaa godina Kibba lixa Shaggar bulchiinsa magaalaa Wallisoo keessatti hidha jabeessan.
ONM – ABO – Amajjii 14, 2023 Erga Abiy Ahimed gara aangootti dhufee hidhaan, ajjeechaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru jabaatee itti fufee jira.
Amajjii 10, 2023 waraanni faashistii Abiy Ahimed maqaa sakatta’iinsa jedhuun bobba’an godina kibba lixa Shaggar aanaa Wallisoo keessatti abbaa qabeenyaa magaalaa Wallisoo kan ta’e obbo Shuguxee Dhereessaa kan jedhamu mana jireenyaa isaa fi hoteelota dabalatee manneen daldalaa inni qabu hunda sakatta’uun erga homaa dhabanii booda qabanii deemuun waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Wallisootti hidhanii jiru.
Waraanni shororkeessaan kun maqaa sakatta’iinsaan uummata saamuu fi daraaruuf bobba’an magaalaa hanga baadiyaatti deemuun saamicha geggeessaa jiraachuu fi kanaan duras Dambal Abbaa Bunee fi Biqilaa kan jedhamu qabanii hidhuun murtii tokko malee baatii dheeraaf waajjira poolisiitti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaayti himaniiru.
