Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Qellem Wallaggaa mooraa aanaa Anfilloo irraa WBOtti harka kennatan.
ONM – ABO – Amajjii 16, 2023 Ijaarsa Oromummaa jibbuu fi olaantummaa finxaaleyyii Amaaraa mirkaneessuu irratti ijaaramuun maqaa qabiyyee duriin dargaggoota impaayerattii lola isaan ilaallanetti ajjeesisaa jiraachuu isaatti kan dammaqan ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa kallattii argataniin dhuunfaa fi gareen sirnichaa ganuun ba’aa jiru.
Gochi badii sirnichaa kan funyaan isaan ga’ee fi lubbuun isaanii barcuma siyaasaa Abiy Ahimediin ittiin hin tiksinu kan jedhan ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’uun tarkaanfii WBOn aanaa Anfilloo keessatti fudhachuun mooraa magaalaa Muggii fi Ashii keessaa ari’een booda aanicha deebisanii qabachuuf dhufan keessaa miseensotni 2 hidhannoo guutuu waliin WBOtti harka kennatanii jiru.
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii kun kaleessa Amajjii 15, 2023 mooraa magaalaa Muggii irraa qawwee AKM Turkii 2, rasaasa 300, hidhannoo 2 fi boombii qabatanii qabsoo bilisummaa Oromootti makaman.
Akka miseensotni waraana bilxiginnaa kun jedhanitti murni bilxiginnaa fedhii aangoo irra turuu fi dantaa siyaasaa habashootaa eegsisuuf qabuuf qofa lubbuu ilmaan Oromoo akkasumaan ajjeesisee Oromon akka abbaa biyyaa hin taanee saba tokko wal dura dhaabaa waan jiruuf gocha isaa kana irratti dammaqnee baane jechuun ilmaan Oromoo hafanis faana isaanii dha’uun sirna abaaramaa kana ganuun WBPtti makamuu qabu jechuun erga dabarfataniiru.