Faashistoonni PP lixa Shaggar Aanaa Ilfataatti mana qotee bulaa Oromoo sadii yoo guban qabeenya hedduus saamte.
ONM-ABO 16 Amajjii 2023 Sirni abdii muratee qarree kufaatii irra daaddisu maqaa duula ijibbaataan Oromiyaa irratti bobba’e yakka suukaneessaa uummata nagaa irraan gahaa jira.
Amajjii 15,2023 lixa shaggar aanaa Ilfataa ganda Somboo Cittuutti mana qotee bulaa Oromoo sadii abiddaan barbadeessuu miseensi maatii manni jalaa gubatee arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka odeessa kanaatti namoota manni jalaa gubate obbo Dirribaa Dhugaasaa jalaa mi’a mana keessa hunda waliin mana tokko gubuun horii gaafa 5n jalaa ooffatan.
Obbo Abbabaa Dabarsaa jalaa mana tokko mi’a manaa guutu waliin gubuun horii gaafa 10 jalaa fudhatan. Obbo Fayisaa Abdiisa jalaas mana tokko guban.
Manni uummata haala kanaan gubachuun ganda Somboo cittuu keessatti waraana PPn daran barsiifata kan godhete obbo Abbabaa Dabarsaa irratti ta’e garaa nama gubaa jedha namni yaada nuu kenne.
Obbo Abbabaa dabarsaa Muddee 28, 2022 mana jireenya isaa keessa osoo taa’uu itti marsuun dhukaasa itti roobsanii erga jedhanii booda reenfa illee uummatni ba’ee akka hin awwaalle godhanii turan.
Torbee lama booda maatiinumti isaallee maaf jiraata jechuun mana jalaa gubanii horiillee jalaa guurrachuu kan nuuf himan dallansuu cimaatiin.
Kana malees ganda Hidhabuu Sandiiti obbo Irranaa Dammoola jalaa horii 33 yoo fudhatan, obbo Hoomaa Cawwaaqa jalaa horii gaafa 15 fi Obbo Girmaa Beellamaa jalaa horii gaafa 5 fudhatan.
Kanaan alas ganda hidhabuu Sandii, Somboo Cittuu fi Ambaltaati midhaanii fi horiin hedduun saamamuu himu maddeen.
Ilmaan Oromoo haala kanaan manaa fi qabeenyi jalaa gubatee saamamu qaama duula tibba kanaa akka ta’e taateen bakkee hedduutti ta’u ni mul’isa.
Kanas gootu sadarkaa abdii murannaa ishee yoo mul’ise malee qabsoo Oromoo akka duubatti hin deebisne ni hubannaa kan jedhan namootni kunniin, ta’us yeroof maatii keenya waliin rakkoo hawaasummaa cimaaf nu saaxilee waan jiruuf uummatni keenya nu cinaa haa dhaabbatu jechuun yaada isaani ibsaniiru.
