WBO’n zoonii kibba bahaatti hawaasa waliin marii taasise.
ONM – ABO – Amajjii 16, 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lola geggeessuun cinaatti hawaasa siyaasa isaa barsiisuun haala Oromoo fi Oromiyaa akkasumas qabsoon bilisummaa Oromoo irra jiru hubachiisaa jira.
Uummatni Oromoo garbummaa waggaa dheeraa jala akka jiru itti himuun kan seenaa cabiinsa Oromoo fi daldala siyaasaa maqaa Oromoon geggeeffamu irratti ibsa laachuufiin kallattiin garbummmaa cigaasisaa kana keessaa ittiin ba’an falmaa hidhannoo qofa akka ta’e uummatichaaf ibseera.
Uummatni Oromoo murna garbummaa irra bubbulchuuf socho’u adda baafatee irratti qabsaa’uun biyya isaa irratti abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffatee jiraachuu qaba malee deebii bubbuutuun goyyomfamuu hin qabu kan jedhu hoggannu WBO waltajjii sana irratti uummata mariisisaa ture, sabichaafis tokkummaan fala akka ta’e hubachiiseera.
Qabsoo kana milkeessuuf waan akka sabaatti dhabne waan qabnuuf akka sabaatti garaagartee tokko malee hidhannoo jabeessuun ABO WBO faana hiriirree bilisummaa keenya mirkaneeffachuun dhaamsa dhaamaniiru.
Namootni waltajjii irratti argamanis ejjennoo WBOn bilisummaa fi walabummaaf qabu kan hin sharafamne ta’uu hubachuun salphina uummatni keessa jiruuf filannoo WBO jabeessuu ta’uu waliigaluun akka bira dhaabbatan mirkaneessanii waltajjii xumuruu gabaasni achii nu qaqqabe ni addeessa.