• Sat. Sep 23rd, 2023

Saamichi fi gudeeddaan waraana bilxiginnaan uummata Oromoo godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irra ga’aa jiru hammaachuu jiraattootni dubbatu

Jan 17, 2023

ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessaa Amajjii 5, 2023 gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon rukutamanii erga ba’anii Amajjii 11 humna godinicha keessa jiru daboo waammachuun erga deebi’aniin booda uummata magaalichaa dararuu jabeessanii jiru.Turtii torbee hin guunne kana keessa waraanni bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayerattii, poolisii humna addaa Oromiyaa fi milishootni bilxiginnaa achitti deebi’an saamicha maallaqaa fi reebicha namoota irraan ga’aa jiru.

Baankiin magaalaa Muggii waan hojii dhaabee jiruuf mana namootaa irra deemuun maallaqa ittiin nyaannu, kophee ittiin bittannu, rifeensa ittiin murannuu fi dhugnu nuuf kennaa jechaa doorsisanii kan fudhatan yoo ta’u isa dide yookiin hin qabu jedhu siyaasa itti maxxansuun reebicha irraan ga’u.

Kana malees uummatni magaalattii sa’a 12:00 booda akka karaa irra deemne dhorkuun ifaan mana cufanii teessisuun dhukkubsataa fi ulfi ciniinsuu irra jirtu akka rakkatan ta’eera.

Guyyaa kaleessaa Amajjii 16, 2023 dubartootni magaalaa Muggii ganda 02 waraanni dhiyeenya dhufe kun mana jala deemuun ijoollee shamarranii fi dubartoota qabuun gudeeddii irratti raawwachaa waan jiraniif gocha sana jibbuun bulchiinsa aanaatti argamuun iyyatanis galaa nuti waan isiniif goonu hin qabnu jechuun galchuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Leave a Reply