[SQ Amajjii 21/2022]
Muurni PP Oromiyaa Bahaa Harargee Lixaa Ona Cirootti maqaa “isin Shaneedha” jedhuun manaa fi qabeenya uummata Oromoo gubaa jiraachuu Kuush Media Network gama isaatiin gabaaseera.
Haaluma kanaan warreen manneen jalaa gubatan keessaa muraasni:
1) Aadam Muummee
2) Ahmad Yahquubee
3) Mahmad Aammee Doolaal
4) Jamaal Ahmad
5) Abraahim Mahmad Amiin
6) Aliyyii Mahmad Amiin
7, Muummee Abduramaan
8) Ahmad Abdullaa
9) Jamaal Aliyyii Ibroo
10) Jamaal Suleeymaan
11) Abdullaa Aziiz Aliyii
12) Hassan Umar
13) Jamaal Aiyyii Ibroo
14) Jamaal Muussaa
15) Mahmmad Jamaal Amiyu
16) Yuusuf Aadam Mummee
17) Ahmad Abduramaan
18) Aadam Muummee Bashiir kanneen jedhaman jalaa manneen isaanii fi oomisha oomishatanii mana keessa qaban waliin guutummaatti ibidda itti bobbaasuun guyyaa kaleessaa jala barbadeessuun beekamee jira.