ONM-ABO 21 Amajjii 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabaa jira.
Gootichi waraana bilisummaa oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa Humni Furgaatuun Urjii Lolaa Amajjii 21/2023 aanaa Bulee Horaa ganda Kalaaltuu Saawwaa keessatti ganama sa’a 12:00 irratti tarkaanfii waraana weerartuu Abiy Ahimed ” ajajaa 1000 tokkoon sosso’an irratti fudhateen loltoota 47 battalatti yommuu ajjeesu 33 immoo madoo dandammii hin qamneen adabee jira.
Lola kanaanis ajajaa 1000 Tolii Tegenii dabalatee nama sadi harkaan qabee jira.
Gama meeshaatiin
AKM 33
Gumbii 27
Boombii 20
Rasaasa 2,400
irraa hiikkatuudhaan galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira
Kanneen hafan yeroo gabaasni kun qindaa’etti reeffaa fi madoo qaban hundaa gatuudhaan gara magaalaa guddittii godinichaa Bulee Horaatti ofi gabaassanii jiru.
Lolli hanga bilisummaatti itti fufaa
Bilisummaa,walabummaa fi birmadummaan sabaa qabsoo hidhannoo qofaan dhufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!




