• Sun. Oct 1st, 2023

Finxaaleeyyiin Amaaraa fi waraanni bilxiginnaa godina addaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Maariyaamiitti namoota ayyaana cuuphaaf ba’an dararaa turan

Jan 21, 2023

ONM – ABO – Amajjii 21, 2023 Kaleessa Amajjii 20, 2023 godina addaa naannowaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu naannoo Anfoo Maariyaamii jedhamuun beekamutti uummatni Oromoo afaan isaan gammachuu ayyaanaa akka hin ibsanne dhiibbaa irraan ga’aa turan.
 
Uummata ayyaana ba’ee akkuma barootaaf aadeffatetti dhiichisee galu akka hin dhiichifne, afaan Oromoon hin sirbinee fi hin gurmoofne dargaggoota finxaaleyyii irratti ijaaruun bittinneessaa turan.
 
Ilmaan Oromoo xaxaa waraana bilxiginnaa fi finxaaleyyii kana cabsuun wal ga’anii sirbaan humnaan gidduu seenanii jeequun qaamni waraana tarkaanfii reebicha irratti akka fudhatu taasisuun cinaatti ganda keessa ari’uun irratti dhukaasanii jiru.
 
Alaabaa aasxaa hin qabne kan sirna Minilikiin ibsu fannifachuun dachee Oromiyaa irratti dhiibbaa gochaa kan turan finxaaleyyiin Amaaraa waraana bilxiginnaa tumsamaniiti.
 
Haa ta’u malee ilmaan Oromoo carraa argataniin wal gurmeessaa fi ergaa barbaachisaa dabarsaa turuu hirmaattota irraa adda baafachuun danda’ameera.

Leave a Reply