• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina baha Shaggar ona Boosat keessatti waraana bilisummaa Oromoo galchaa jechuun uummata doorsisaa jiraachuun barame

Jan 21, 2023

ONM – ABO – Amajjii 21, 2023 Murni abdii kutataan bilxiginnaa waraana lafoo fi xiyyaara gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf bobbaasee dadhabuun uummata meesha maleeyyiin WBO galchaa jechuun afaanfajjii uumuu itti fufee jira.
 
Torbee kana godina baha Shaggar ona Boosat magaalaa Boolee keessatti uummata waltajjii waamuun ilmaan keessan WBO ta’anii jiran galchaa, hin galchitan taanaan ni fixna jechuun doorsisaa turan.
Murni miidiyaa fi waraana qofaan dhaadatu bilxiginnaan  meeshaa gurguddaa fi humna  waan qabnuuf yeroo gabaabaa keessattu balleessuu dandeenya jechuun duula walitti fufiinsaa WBO irratti taasisee dadhabe dhoksuun akka waan adda fiduutti of goyomsaa ooluun barameera.
 
Gama biraatiin hawaasa baadiyyaa keessa jiraataniin horii, re’ee fi gaala waan qabdan hunda  gurguradhaa baadiyarraa gara magaalatti galaa, hin galtan taanaan waliin isin balleessina jechuun hawaasa shororkeessuun oomisha isaa dhiisuu qe’ee irraa akka godaanu taasisaa jiru
 
Ergamtoonni murna bilxiginnaa aangoo Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman kun lolaan WBO dadhabuun ololaan uummata goolaa waan jiraniif uummatni dubbii sobaa bilxiginnaatiin osoo hin burjaaja’in jireenya isaa idilee akka geggeeffatu jiraattotni ona Boosat magaalaa fi gandoota baadiyaa walii dhaamaniiru.


 

Leave a Reply