ONM-ABO 23 Amajjii 2023 Humni lafa Oromoo daangaa irraa hanga handhuuraatti qabiyyee abbootii keenyaa jechuun ilmaan Oromoo irratti qawwee kaasee dhiiga qulqulloota dhangalaasu, uummata Oromoo Walloo lafa dhiigaa, lafee fi lubbuu aarsaa itti taasisanii qabatanii jiran irraa buqqisuuf duula qindaa’aa dheengadda Amajjii 21 eegalan har’as itti fufanii jiru.
Lola jabaa guyyaa har’aa Amajjii 23, 2023 godina Walloo aanàa Jiillee Dhummugaa ganda Wasan Qurqur, Jaawwa’aa, Kollaash, Sanbatee, Allaala fi Axaayyee keessatti humnoonni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo, Milishaa, poolisii humnaa adda Amaaraa , poolosii idilee fi raayyaa ittisa impaayerattiin wal ta’uun uummata Oromoo lubbuu dhabamsiisaa qabeenya isaas jalaa barbadeessaa jiru.
Erga Abiy Ahimed aangoo irratti ol ba’ee wagga waggaa eeggachuun uummata Oromoo Walloo lafaa irraa haxaa’aa kan jiran humnootni abjuu Minilik qabatanii socho’an har’as akkuma baran miidhaa geessisaa jiru.
Uummatni miidhaan irra ga’e kun marfamuun madoo isaa illee yaalchisaa kan hin jirre yoo ta’u murni bilxiginnaa nageenya lammiilee eeguu irra humna dabalataan itti fe’aa jira.
Sababa lola meeshaalee gurguddaa fayyadamuun humnoonni badiin kun geggeessaa jiraniin hawaasni qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii godaanaa akka jiran barameera.
Lola armaan dura finxaaleyyiin kun taasisaniin gandootni hedduun kan barbadaa’anii fi dhukkubsataa ambulaansii keessaa buusanii hanga ajjeesuutti gocha sukkanneessa raawwachuun isaanii ni yaadatama.