ONM-ABO 24 Amajjii 2023 Duula ijibbaata PPn Oromiyaa irratti labsee jalaa fashalee abdii murannaan uummata saamuu fi dararuutti kan bobba’e waraanni bilxiginnaa Lixa Shaggar Aanaa Amboo ganda Kaarraatti jajjabee WBO cibraa Jaagamaa Badhaaneen samii itti gurraachessuun awwaaraan makeera
Guyyoota muraasaan dura aanaa Ilfataa fi Amboo irraa wal dhuunfachuun sochii Amajjii 23, 2023 kallattii ganda Kaarraatti taasisaniin sa’a dura bakka addaa Yadaal jedhamutti lola sa’a 1:30 tureen qondaalota isaani dabalatee hedduu madoo fi du’aan adabeera. Lola kanaan waraana fi qondaalota isaanii , milishaa fi tikoota ittiin deemaa turan walumatti namoota 69 du’aan yoo adabu namoota 53 madoo sasalphaa fi cimaan adabeera.Gabaasa keessoo waraanatii arganneen sababa lola kanaatiin waraana 150 kan ta’u madoo, du’aa fi facaatiidhaan hir’achuu himameera.
Lolli walabummaa Oromiyaa itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!