• Tue. Dec 5th, 2023

Kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Jiillee Dhummugaa keessatti lolli maqaa lafa babal’ifannaan finxaaleyyiin Amaaraa banan itti fufe

Jan 24, 2023

ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Humni lafa Oromoo daangaa irraa hanga handhuuraatti qabiyyee abbootii keenyaa  jechuun ilmaan Oromoo irratti qawwee kaasee dhiiga qulqulloota dhangalaasu, uummata Oromoo Walloo lafa dhiigaa, lafee fi lubbuu isaanii aarsaa itti taasisanii qabatanii  jiran irraa buqqisuuf duula qindaa’aa  Amajjii 21 eegalan har’as itti fufanii jiru.
 
Lola jabaa guyyaa kaleessa Amajjii 23,2023 godina Walloo aanàa Jiillee Dhummugaa   ganda Wasan Qurqur, Jaawwa’aa,  Kollaash, Sanbatee, Allaala  fi Axaayyee keessatti  humnoonni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo, Milishaa, poolisii humnaa adda Amaaraa , poolisii idilee fi raayyaa ittisa impaayerattiin wal ta’uun taasisaniin uummata Oromoo lubbuu dhabamsiisaa qabeenya isaas jalaa barbadeessanii jiru.
Erga Abiy Ahimed aangoo irratti ol ba’ee wagga waggaa eeggachuun uummata Oromoo Walloo lafaa irraa haxaa’aa kan jiran humnootni abjuu Minilik qabatanii socho’an har’as akkuma baran miidhaa geessisaa jiru.
 
Uummatni miidhaan irra ga’e kun marfamuun madoo isaa illee yaalchisaa kan hin jirre yoo ta’u murni bilxiginnaa nageenya lammiilee eeguu irra humna dabalataan itti fe’aa jira.
 
Sababa lola meeshaalee gurguddaa fayyadamuun humnoonni badiin kun geggeessaa jiraniin hawaasni qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii godaanaa akka jiran barameera.
 
Lola armaan dura finxaaleyyiin kun taasisaniin gandootni hedduun kan  barbadaa’anii fi dhukkubsataa ambulaansii keessaa buusanii hanga ajjeesuutti gocha sukkanneessa raawwachuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply