• Thu. May 2nd, 2024

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti waraanni bilxiginnaa rasaasaan shamarree tokko madeesse

Jan 24, 2023

ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Waraanni ilmaan Oromoo akka bineensaatti barbaadee rukutuuf Abiy Ahimediin bobbaafame bilxiginnaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti Shamarree tokko rasaasaan rukutuun madeesseera.

Dheengadda Amajjii 22, 2023 aanaa Sayyoo ganda Maaxaa keessatti shamarree nagaa daandii mataa ishee irra deemaa turte shamarree maqaan ishee Daraartuu Dhugaasaa jedhamtu rasaasa itti dhukaasuun miilla ishee irra rukutan.

Shamarree Darartuu miidhaa ishee irra ga’eef hawaasni naannoo kaasee gara hospitaalaatti geessuuf gaafatus sa’a hedduuf dhorkaa turan.

Haala rakkisaa booda yaala argattus miidhaan ishee irra ga’e jabaa ta’uu ragaan mana yaalaatii arganne ni addeessa.

Waraanni murna bilxiginnaa aanaa Sayyoo dabalatee aanota godinichaa cufa keessatti miidhaa qaamaa fi lubbuu geggeessaa jiraachuun hawaasni yaaddoo jireenyaa keessa akka gale ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading