ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Oromiyaa kallattii Wallaggaa fi Iluu Abbaa Booraan kan daangessitu naannoon Gambeelaa, ilmaan Oromoo jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuuf hojii mootummaa fi dhuunfaan itti galanii jiraatan irratti miidhaa saba xiyyeeffate irratti raawwachaa jirti.
Erga murni bilxiginnaa Abiy Ahimediin hogganamu aangootti ol ba’ee Oromoon bakka cufatti adamfamee ajjeefamuu, hidhamuu fi saamuun dalagaa kan ta’e, naannicha magaalaa Gambeelaa keessatti ilmaan Oromoo hojii dhuunfaa isaanii irraa qabuun hidhaa jiru.
Guyyaa kaleessaa Amajjii 23,2023 dargaggoota Oromoo lafa hojii isaanii irraa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun namoota 12 qabanii hidhan.
Namoota magaalattoi keessatti kanaan dura Oromummaan yakkanii hidhan hedduu isaanii ammoo gara magaalaa Mattuutti dabarsuun achitti dararaa irratti geggeessaa jiru.
Magaalaa Gambeelaa keessatti dukkaana Oromoo saamuu, galgala eeganii reebuu fi hojii irraa ari’uun jireenya itti hadheessaa kan jiran yoo ta’u, nama afaan Oromoo dubbatu cufa WBOdha jechuun miidhaa irraan ga’aa akka jiran odeessi maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalichaa irraa arganne ni addeessa.