• Thu. Apr 25th, 2024

Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti maqaa WBO itti maxxansuun uummata hidhuu hammeessan

Jan 24, 2023

ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Oromoon sirna nama nyaataa kana jibbuu fi itti buluu diduu ifatti yeroo mul’isaa jirutti, tiksitoonni sirnichaa kufaatii isaan mudate kana dhokfachuuf hidhaatti uummata dararaa jiru.
 
Godina Baha Arsii Aanaa Xiyyoo gandoota gara garaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qunnamtii qabdu jechuun, daa’imman waggaa 14 hanga maanguddoo ganna 75tti hidhuun mana hidhaa keessatti dararaa jiraachuu jiraataan Aanaa Xiyyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
 
Aanaa Xiyyoo magaalaa Kataargannat 01 jedhamtu keessaa namoota hedduu qabuun kan hidhan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaa arganne:-
Musxafaa Sheek Aadam
Diiccoo Mohaammed
Kamaal Gammadaa
Maammee Aabduu
Nuurii Aabduu ta’uu jiraataan aanichaa tokko ibseera.
 
Ganda Torban Uushoo irraas akkasuma namoonni hedduun kan hidhaman yoo ta’u, isaan kunis
Tashuu Goonee
Abdullaxiif Ibiraahim
Gamuu Aabbee
Abdulkariim Ibiraahim
Abdulkariim Jamaal kanneen jedhaman kan ammaaf maqaa argannedha.
 
Aanuma Xiyyoo ganda Aboosara Alkoo irraas maanguddoo Amaan Gammadaa dabalatee, daa’immanii fi dubartoota hedduu ukkaamsuun gara mana hidhaa godinaa magaalaa Asallaa jiruutti geessuun dararaa jiraachuu jiraataan aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading