• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina lixa Harargee  aanaa Gammachiis keessatti hidhattoonni fi kaabinoonni sirnichaa qabeenya uummataa saamuun gariin mancaasan

Jan 24, 2023

ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Murni badii ilmaan Oromoo balleessuu barbaadu bilxiginnaan waraanaa fi kaabinoota uummataaf naasuu tokko hin qabne itti bobbaasuun maqaa jal’isii qamadii jedhuun uummata lafa isa irra humnaan buqqisuun rakkinaaf saaxilaa jiru.
 
Gochi isaanii kun baha Oromiyaa aanoota hedduu keessatti raawwachaa Kan jiran yoo ta’u  achuma aanaa Gammachiis keessatti waraanni fi kaabinoonni murna bilxiginnaa Shankooraa fi Muuzii namootaa ooyiru isaanii irra mancaasuun namoota maaliif akkas nu jalaa gootu jedhan ammoo reebicha irratti geggeessaa turan jedhu.
 
Shankooraa namoota ooyiru isaanii irra mancaasan kana konkolaataa isaanitti fe’achuun gara magaalaa aanichaatti geeffatan.
 
Namoonni qabeenyi isaanii jalaa manca’e keessaa kan maqaan nu ga’e Muusaa Abdallaa abbaa maatii 10, Abrahaam Usmaan abbaa maatii 4, Ahimed Muusee fi Mahammad Muusee akkasumas namoonni qabeenyi isaanii jalaa manca’e kun gara namoota 30 olii akka ta’an jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply