ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Impaayera lafti hongeen rukutamtee bishaan dhabamuun loon dhumtee uummatni miidhamaa jiru keessatti bokkaa ni roobsinaa fi qamadii alatti erginaan uummatni kan sobuu baran murni bilxiginnaa har’as hongeen godina Booranaa aanota garaagaraa rukutuun miidhaa yeroo qaqqabsiisee jirutti qaamni hawaasa kanaaf birmataa hin argamne.
Aanota godinichaa hedduu keessatti miidhaa jajjabaan ga’aa kan jiru yoo ta’e, achi keessaa kanneen akka Taltallee, Dilloo, Dubluq fi Gaamolee keessatti miidhaan qaqqabaa jiru cimaa dha.
Itti dabaluunis ardaa namni beelaan keessatti dhumachaa jiru; Gubbaa Teertaleetti Eel-kunee Hammeessa Badhaatuu, Hammeessa Boruu Jiloo, Hammeessa Ollaa Jiloo, Hammeessa Buutee, Reera Sirmitee Guddoo, Reera Dhaddacha Re’eetii fi Hammeessa Jiloo Areerii akka ta’e barameera.
Aanotaa fi ardaalee kanneen keessatti horiin marga dheedichaa fi bishaan dhugan dhabuun du’aa jirti, namootni waan nyaatan dhabuun deemsa dadhabanii kufaa fi of dadhabuun dhibeef saaxilamanii gargaarsa eeggachaa jiru.
Hawaasni jireenya hamtuu keessa galee waan qabatu hin arganne. Haati waan hoosistu dhabdee daa’imman harma gogaa hodhaa jiru. Haala amma uummatni keessa jiruun namni wal awwaalu iyyuu hin argamu.
Rakkoo guddaan kun uummata irra ga’ee osoo jiru, rakkoo balaa uumamaan dhufe kana uummata gargaaree dandamachiisuu irra waraana itti fe’aa, qaala’insi jireenyaa hin jiru, guddanneerraa fi gargaaramuu irraa gara gargaarutti ceena jechuun sobaan uummata miidiyaa irra goyomsaa jiraachuun ni beekama.


