“Filannoon” gaggeeffame jedhame seeraa alaa fi fudhatama kamuu kan hin qabne ta’uun durumaa dhugaa lafa ture. Gareen Abiy Ahmed, fincila ummata keenyaa hatuun aangootti bahe, biyyattii guutuutti waraana ummata irratti labsuun, partilee siyaasaa bilisa hundumaa dirree siyaasaa keessaa baasuun, midiyaalee bilisatti uggura gochuun, hoggantoota mormitootaa biyyaa ari’uun fi ajjeessuun, haala qabatamaa itti filannoon hiika qabu hin jiraanne uumee jira. Kanaafuu, duuili WBOn labse haala qabatamaa kana mul’isuuf miti. Dhugaan sun duula waraanaa kamiyyuu otoo hin barbaadiin ofumaa dhugaa mirkanaa’e.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) Duula Egeree Oromiyaaf kaayyoo lamaaf labse:
Tokko, namoota, meeshaalee fi sanduuqni sagalee sobaan dursanii guutaman akka hin sochoone daandii ugguruun dhorkuun, Abiy Ahmed diraamaa filannoo akka laayyootti raawwachuu akka hin dandeeye argisiisuu dha. Barri “Oromoo” ofii jechaa soban dhumeera.
Lama, Oromiyaa bal’oon hagam waraanaa fi bulchiinsa Abiy Ahmed ala akka taate, dandilee gurguddaa dabalatee, goolee Oromiyaa hundaan WBO bobbaasuun, argisiisuuf dha.
Kaayyoon lachanuu guutuutti milkaaheera.
Abiyyii fi waahilloota soba cigaasisaa “firri reeffa manatti dhiisee, nu filachuu dhufe” jedhu keessa seensise milkaahuu duula kanaati. Kanaaf, uggurri geejibaa duula Egeree Oromiyaa waliin labsame boru (Waxabajjii 3, 2026) ganama irraa kaasee kaafameera. Ummanni keenya bakka jirtan hunda irraa milka’ina duula kanaaf qooda keessan bahattan galata qabdu. Qabsoon hanga Oromoon mootummaa isaa ofiin dhaabbatutti itti fufa!
Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Waxabajjii 2, 2026
Oromia #Ethiopia

