• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa godina lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti waliigaluu dadhabuun irraa ol fe’aman

Jan 24, 2023

ONM – ABO – Amajjii 24, 2023 Murni bulchiinsi siyaasaa isaa laamsha’e waraanaanis diigamuu itti fufuun kasaaraa dirree lolaan irra qaqqabaa jiruun wal dhabdeen loltoota gidduutti uumameen dirqama dhufaniif dhiisisanii haaromsaaf ol deebisuu eegalan.
 
Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessa jiran wal dhabdee yaadota sabummaa xiyyeeffate ka’uu fi faayidaa waraanaan wal qabatee gaaffii dhiyeessanii waliigaluu dadhabuun akka ol fe’aman ta’ee jira.
 
Keessayuu ilaalchi tuffii saba Oromoo xiyyeeffate geggeeffamuu fi ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’an irraa amantaa dhabuun meeshaa waraanaa malee akka deeman taasisuun wal qabatee mooraa keessatti wal reebuu fi mana dhugaatiitti walitti dhukaasanii wal ajjeesaa jiraachuu irraan kan  ka’e murni bilxiginnaa loltoota achitti ramadaman kaase.
 
Loltoota mooraa magaalaa Gimbii jiran keessaa ilmaan Oromoo qofa addatti baasuun konkolaataa 2 fe’an.
 
Isaaniin erga deemsise loltoota bilxiginnaa saba biroo ta’an bobbaasuun Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin nan injifadha jedhee akka yaade kan nuuf himan maddeen sirnichi warreen leenjisee baasee bulchuu dadhabuun duula biroo ga’umsa akka hin qabnee fi kufaatii irra akka jiran kan agarsiisuu dha jechuun yaada isaanii dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply