ONM-ABO 25 Amajjii 2023 Baankiin dameelee 200 ol Oromiyaa keessaa qabu Birhaan sadarkaa hoggantummaa irratti Oromoo kan hin mudnee fi nama tokkicha hoggana distiriiktii lixa Finfinnee ta’eyyuu maqaa Oromoo baay’inaan miindessita jedhuun erga hojii dhaabsisanii ji’a tokko guuteera.
Baankichi itti aanaa pirezidaantii afur qabu keessaa Oromoo kan hin qabne yoo ta’u hoggana distiriiktii 6 qabus keessaa namni Oromoo tokko kan ture obbo Milkeessaa hojii irraa ari’an.
Baankii Birhaan keessatti uummatni Oromoo qooda argachuu qabu kan hin arganne yoo ta’u, baankicha keessatti ilmaan Oromoo akka hin miindeffamnetu barbaadama.
Bakka obbo Baayisaas nama Amaaraa dhalootaan Goojjam ta’e obbo Fikeremaariqoos Yiggeramuu mudanii jiru.
Baankiin Oromiyaa keessaa galii argachuun jiraachaa jiru, ilmaan Oromoo hojii irraa ari’aa fi akka hin mindeffamne taasisaa jiraachuu maddeen magaalaa Finfinnee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
