• Sun. Oct 1st, 2023

Ilmaan Oromoo Walloo mana hidhaa Sa’udiitti hidhamaa turanii gara ganda dhaloota isaanii kaaba Oromiyaa godina Walloo deemaa turan 11 magaalaa Dabra Birhaanitti konkolaataa keessaa buusuun ajjeesan

Jan 25, 2023

ONM – ABO – Amajjii 25, 2023 Humni dhukkabsattoota ilmaan Oromoo Walloo ambulaansii keessaa buusee ajjeese har’as madaan sun osoo hin qoorin ilmaan Oromoo maatii isaanii dubbisuuf gara qe’ee dhaloota isaaniitti deebi’aa turan konkolaataa keessaa buusee ajjeese.

Kaleessa ganama Amajjii 24, 2023 ilmaan Oromoo Walloo badii tokko malee mana hidhaa Sa’udiitti hidhamaa turanii impaayerattiitti deebifaman osoo isaan gara maatii isaaniitti deebi’aa jiranii namoota 11 magaalaa Dabra Birhanitti konkolaataa irraa buusuun ajjeesan.

Ilmaan Oromoo Walloo magaalaa Dabra Birhanitti yeroo adda addaa buufamuun humnoota finxaaleyyii Amaaraan bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti ajjeefamaa kan turan yoo ta’u, gochi jumlaan guyyaa kaleessaa Oromoota 11 irratti raawwate garuu adda dha.
Oromoota yeroo dheeraaf jireenya ofii jijjiiruuf gammoojjii biyyoota Arabaa qaxxamuranii milkaa’uu dadhabuun dabaan impaayerattiitti deebi’an qe’ee abbaa isaanii dhorkamuun ajjeechaaf saaxilaman.

Humnootni finxaaleyyii kun lola meeshaalee gurguddaan deggeramuun godina Walloo keessatti geggeessaa jiraniin lubbuu hedduu balleessuun qabeenyaas kan barbadeessan yoo ta’u, tarkaanfii isaanii babal’isuun daandii gubbaatti ba’anii Oromoota adda baasuun ajjeesaa waan jiraniif ilmaan Oromoo sochii isaanii akka daangessanii fi tokkummaan dura akka dhaabbatan kan dhaammatan qeerroo bilisummaa Oromoo godina Walloo ti.

Leave a Reply